Maqaa Abbaa kan ilmaa kan afuura qulqulluu Waaqa tokkoo Ameen

Warri Lubbuu Mucichaa barbaadan du’aniiru.
Mat.2:20

Kabajamtoota ijoollee waaqayyoo jalqaba irratti baga gara biyya Israa’eelitti deebi’uu Gooftaa keenya iyyesuus kiristoosiif haadha keenya dubroo maariyaam nagaan geessan.

➺Heroodis mucicha Ajjeesuudhaaf halkaniif guyyaa utuma dhama’uu garuu mucicha dursee du’eera.
Mat.2:20

➺Silas namni hammeenya nama irratti yaadu yoom milkaa’eefi beeka jettaniiti ?

Mee macaafa Qulqulluu keessa namoota hamaa nama irratti yaadanii itti miidhaman haa ilaallu.

➺Haamaa namni jedhamu tokko Merdookiyoos akka irratti rarraafamuuf muka fannoo dheeraa tottolchee mana isaa keessa dhaabee ture garuu dubbiin galagalee innumti irratti rarraafamee du’eera.
Asteer 7:10

➺Yihuudaan Gooftaa keenya Iyyesuus kiristoosin dabarsee du’atti kennee ofiisaati garuu boqonnaadhaan jiraachuuf yaade ture garuu Gooftaa keenya dursee du’eera.
Mat 27:5

➺Akkasumas saa’ool Daawwitin Ajjeesuudhaaf yeroo baayyee yaalii godhee ture garuu Daawwitiin dursee saa’ool biyyeetti dabalame.
1Sam 31:5

Akkasumas kunoo Heroodis mucicha Ajjesuudhaaf utuma dhama’uu ofiisaati Akka du’e yooseef Ergamaa waaqayyoo irraa dhagahee mucichaaf haadha isaa fudhatee gara biyya israa’elitti deebi’e jechuudha.

➺kabajamtoota ijoollee waaqayyo harras taanan obboleessa kee irratti
Firakeessan irratti
Hiriyaakeessan irratti
Nama kamiyyu irratti
Yaalii Ajjeechaa yaaddu yookiin geggeessitu taanaan ofii keessanii akka dursitanii hin duune of eeggadhaan Ergaakooti.

➺heroodis nii du’e mucichi garuu hanga harraatti jiraatadha boris daarbee barabaraan nii jiraata.

➺Waaqayyo warra Yaada Heroodis qabaniifi karaa isaa irra bu’anii jiran gara Qalbii isaniitti nuuf haa Deebisu.

AMEEN

Tamirat webpage Avatar

Posted by

Design a site like this with WordPress.com
Get started