Abbommii kurnan

1. abboommiiwwan kurnan lakkoofsaan 10 ta’uun isaanii maal ibsuufi?

A. abbomiwaan kurnan kaku moofa bakka lamaati qooduun ni danda’aama.

i. walitti dhufeenya sirri nuti waaqayyo waalin qabnu kan ibsan

1. ana male waaqa bira hin waaqesin
          (seera ba’u 20:2-6)

2. maqaa waaqa keeti akkasuman hin waamin.  
( seera ba’u 20:7)

3. guyyaa sanbata kaabaji
( seera ba’u 20:8)

Abboomiwaan saadin armaan oli kunniin sadi ta’uun isaani icciti saduumma kan ibsan yoo ta’u, bakka tokkoti jaalala waaqayyo kan ibsaan jedhamaani  yeroo waamaaman immoo waaqayyo umaan  tooko ta’u isaa kan ibsani dha. Abboomiwaan kunnin armaan oli jaalala nuuti waaqayyof qabnu kara itti agaarsiisnuufi dha.

ii.   walitti dhufeenya sirri nuti namoota walin qabnu kan ibsan
1. abbaa keef hadha kee kabaji
(seera ba’u  20:12).

2. hin ajjeesiin. (Seera ba’uu 20:13)
3. hin ejjiin.  (Seera ba’uu  20:14)
4. hin hatiin.   (Seera ba’u 20:15)
5. soban raga hin ba’iin. (Serra ba’u 20:16)
6. hin hawwiin. (Seera ba’uu 20:18)
7.  hiriyaa kee akka mata keeti jaaladhu
 (Seera  lewoota 19:18)

#Abboomiwaan torbaan armaan oli kunniin icciti namni maal irra akka uumame nuuti agaarsisaani dha.

#Nama jechi jedhu jecha afaan gii’iziitin “ስብእ” jedhu yoo ta’e amaarifaan immo hikkan isaa“ሳባት” ykn waan torba irra kan uumame jechu dha. waan torba kan jedhaman maali yoo jedhamee  immo amaala fooni arfaan ( biyye, qillensa, bishaan fi ibidda), amaala lubbu sadan ( qalbeefattu, jiraattu fi dubbattu) kan jedhamani irrati.

#Aboomiin  waaqayyo nuuf kennes walitti dhuufenya nuti namoota walin qabnu fi jaalala keenya ittin waalif ibsinu akkuma armaan olitti ibsaame lakkofsaan torba dha. 

#torba ta’uun isaas namni waan torba irra uumamu isaa, kara biros torba ibiroota biratti lakkofsa gonka ykn mudaa hin qabne waan ta’ef. 

#waantootni turban kun yeroo iddoo ykn bakka tokkotti abboomi jaalalaa hidhaman immo  akka nuti jaalala gonka ykn guutu obboloota keenyaaf laannu nuti himuufi dha.

     
Abboommiwwaan kun kudhaan ta’uun isaani immo ibiroota biratti lakkoofsi kudhaan akka fakkenya guututitti waan ilaalamuuf ykn ta’eef, seerooni kun kudhaan ta’un isaas seerooni kennaman kuun  hunda ta’u ykn guutu ta’u isa ibsuufi dha.

#Akkasuumas sadarkaan qulqullumma kudhani dha. yoo abboomi kana kurnaan eegdaan isiin cubbu irra bilisa qulqullota dha jechus ni ta’a. Kitaaba qulqullu irrati lakkofsi kudhaan maal akka ta’e caqaasa kana haa ilaalu.

wangeela maatiyoos 25:1-12 waa’e durboota kurnaani dubbata, kunis kudhaan ta’uun isaa qulqulloota fi cubbamtoota addunya keessa jiran akka bu’aanifi. warri abshhali shanaan fakkenya warra qulqullotatti, waari haafan shaman immo fakkeenya warra cubbamtootatti.

akkasuuma luqaas 15:8 waa’e warqee kudhan keesa tokko jala bade dubbata. kunis kan ibsu abbomi kudhaan keessa tokko yoo diigame, cubbu hojeeta waan ta’eef (yaa’iqoob 2:10), bishaan qalbi jijjiranaatin qulqulla’e seera cabsee sana akka sireesuf jecha kan dubbatame dha. 

itti dabalaataan tajaajiltoota kudhaan waame warqe akka kennef ni dubbata waangeela luqaas 19:13 irrati ni dubbata.

#qulqullonni ergamoonni angafoota kudhan qabu.

#Waaqayyoof galatoof hooqubaan ulfinni haa ta’u hanga bara baraati . Ameen.

Wangeela lallabuu kootiin of jajuu hin danda’u; kana himuun ana irraa in barbaadama; wangeela yoon lallabuu dhaabaadhe garuu, anaaf wayyoo!”
  — 1Qor. 9:16

Dn. Daniel M.

                  
                  
         
         
                  
                  
                  
                  

Chaanali keenya seenun barnoota afuura baradhaan afeera keenya!

   Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami

YouTubeSubscribe —AlatinosTube

Design a site like this with WordPress.com
Get started