Warri Lubbuu Mucichaa barbaadan du’aniiru.Mat.2:20 Kabajamtoota ijoollee waaqayyoo jalqaba irratti baga gara biyya Israa’eelitti deebi’uu Gooftaa keenya iyyesuus kiristoosiif haadha keenya dubroo maariyaam nagaan geessan. ➺Heroodis mucicha Ajjeesuudhaaf halkaniif guyyaa utuma dhama’uu garuu mucicha dursee du’eera.Mat.2:20 ➺Silas namni hammeenya nama irratti yaadu yoom milkaa’eefi beeka jettaniiti ? Mee macaafa Qulqulluu keessa namoota hamaa nama irratti…
Yaa’iqoob jechuun koomee qabate jechuu yoo ta’u abbaan isaa Yisihaaq haati isaa immoo Ribqaadha. Obboleessa isaa irraa hangafumu fudhateera (Uum.25:29-34;27:1-45). Guyyaa obboleessa isaatin wal lolu baqatee fagaatee dhagaa takka boraafatee rafe. Halkan abjuun yaabbannoo/kortuu hundeen isaa lafa dhaabbatee fiixeen isaa immoo samii gahu yeroo ergamootni Waaqayyo irra deddeebi’an ni arge. Waaqayyoo immoo fiixee kortichaa irra…