MADAA MOGOLEE
Dhaamsa
Seenaan kun seenaa dhugaadha malee Asoosama yookin kalaqa sammuu namaan kan barreeffame miti kanaaf eenyuyyuu dubbisuuf kan isa dhorku hin jiru.Seenichi loogii of keessaa hin qabu,nama dhiibu hin qabu dhugaa jiru qofa haasa’a yoo ta’ellee ani yeroon barreessu sababa miira kooti ol ta’eef seenicha irraa haamma ta’ee akka miira namaati ol hin taanetti digirii isaa gad buusee jechoota sasalphaa ta’anin barreesseera,akkuman argeef dhaga’etti osoon barreesse miira namaa gaddi cabsuu danda’a.Seenaa kana keessa kan miidheef kan miidhametu jira kan miidhes yoo dubbise hojiikoo naaf dhoksite yoo jedhe malee wanta ani hin hojjenne barreessite akka hin jenne beekaa,kan miidhames yoo dubbise miidhamakoo dhoksite kan naan jedhu yoo ta’e sammuu namaa madaalchisuuf.
KAAYYOO
Barruu kana ykn Seenaa kana kanan barreesseef hojii gaariifi gadhee wal dorgomsiisuuf malee hojii isa gadhee barannee hojjii isa gadhee akka hojjennuuf miti .Namoota hamaa nurratti raawwatan nus deebifnee karaa nuuf dandaa’ameen hamaa irratti raawwachuuf yoo yaadne namichi hamaan sun hammeenyaa isaa nu barsiisee ofitti nu dabale jechuudha,nuti dhaloonni har’aa immoo hamaa baruufi hamaa raawwachuun hojii keenya miti isa hamaa nu irratti raawwatee yoo nuuf dandaa’ame nuti immoo gaarii gooneefi gaarummaa isa barsiisuudha.Akkasumas nuti dhaloonni hamma jirru jaalala addaa akka waliif qabaannuudha yeroo gammachuuttis ta’e yeroo gaddaatti,yeroo rakkinaattis ta’e yeroo bal’inaatti akka mataa ofiitti wal jaallachuu qabna,rakkina keenya waliif baachhuu qabna,jaalalli hundumaa caala waan hundumaas gochuu danda’a KIRISTOOSIYYUU JAALALAAF JEDHEE SAMIIRRAA GADBU’EE FANNIFAME.
MADAA MOGOLEE
Namni mogolee hin qabne hin jiru garuu namni mogoleen madaa’ee beeku nama muraasaa.Madaa mogolee jechuun nama hin teessisu diriirfatan malee,nama hin deemsisu tiratan malee,nama hin ajjeesu ni dhukkubsachiisa malee ,obsa namaaf hin kennu namatti dhaga’ama malee. Madaa mogolee qabaannaan hanga lafa geessutti diriirfatteemayyuu taa’uuf rakkisaadha,dhukkubbii guddaatu sitti dhagaa’ama garuu yeroo lafa geessu yoo diriirfatte xiqqoo sitti fooyya’a as irratti dhukkubbii sodaatta taanaan osoo hin boqotin ijaajjaa ooltee ijaajjaa bulta garuu dhukkubbi kana keessa darbee lafa yoon ga’e nan fooyya’a yoo jette diriifattee teessee boqochuu dandeessa; akkasumas lafaa ka’uufis madaan mogolee baay’ee rakkisaadha kanaaf ol ka’uu sodaattee ta’aa ooltee bulta taanaan achi osoo teessuu yeroon kee dhumaa lafa kaayyoo keetis hin geessu garuu ol ka’ee yoon dhaabadhe dhukkubbii keessa darbee fooya’uun danda’a jettee yoo murteeffatte achii kaatee tirattee lafa kaayyoo keetii ga’uu dandeessa kun hunduu rakkina madaa mogoleeti,kana keessa darbuuf immoo murtoo nama barbaada.
Guutuu seenichaa liinkii kanaan download gootanii dubbisuu dandeessu https://forpractice.family.blog/2023/02/25/madaa-mogolee/